Isaiah 41:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini waan woini daakhani, ka ilkaani haareesa aka male qara qaba qabu, isani tolcha. Duuba isani gaarale ch'ach'absitani balleesitani kubile bulla tolchitani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani akka meeshaa haarawa ilkaan qara qabuu ka waa woraanuu si taasisa; ati gaarranillee hin butuchita; tullootallee sukkuumtee akka bura'aa isaan goota.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kunoo, ani meya midhaan ittiin dhowanu, haareya qara qabuu fi ka ilkaan hedduu qabu si hin godha. Ati gaarota irra sirbitee hin butuchita; koobotalle akka hicaace'ee hin goota.