Isaiah 41:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eenuti nama wo had'u ilaboruuti ga kaase fulla inni bahe ch'ufa dabsacha keennafi? Eenuti hayyootafi gosale ch'ufa isa dabsachiisa? Inni goraade ufitini worra d'ae bulleese, t'iya isaatini aka bua buuyo qilleensati firfirsa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ka mooyate ka gara baya biiftu'uutii kaasee fide, akka isaa hojjatuuf ka isa waame eennu? banii dabarsee isaa kenna; moototallee isa jalatti bulcha; guraadee ufiitiin akka daara'aatitti, eboo ufiitiin akka bura'aatitti isaan bittinneessa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Balchumma'aan akka tajaajiluuf, karaa aduun baatu irraa kakkaasee ka isa waame eennu? Inni gosa biyya adda addaa dabarsee isatti kenne; moototi akka isaaf bitamanu godhe. Innille shallaagaa ifiitiin akka buku'uu isaan godhe; guubee ifiitille'een akka qilleensa hicaacee haxowuu isaan bittinneesse.