Isaiah 41:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Arma koota, waan takaa tana taha nuti hima, aka duuba yo isiini taate nu beennu, waan duri tahe nu beesisa, waan isiini jettu nuti hima.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waaqolee tolfamaa keessan as fidaa'a; dhuma isaanii akka beennu mee nutti haa himanii; duranaa bu'aan isaanii maal akka ta'u hubannee akka beennu wonti durii maal akka ta'e nutti haa himanii; yookaan uf afoo maaltu akka ta'u nutti haa himanii.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Waan gara duraa te'uuf jiru akka nutti himanuuf, waaqota dharaa keessan as fida'a; nuuti akka qalbeeffannuuf, muummee isi'ii akka beennuuf, waan tanaan qara te'eeru yookiin waan gara duraa te'uuf jiru nutti hima'a.