Isaiah 41:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hogeesi mukha boch'u nama worqi tumu garaa jabeese, namichi burrisaani wo qulqulleesuleeni nama tuubo irati wo tumu garaa jabeese waan jed'uuni, saldaqaani baqu kunini dansa. Duuba inni waan mid'aasani woltid'ise chochou d'owa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni ogummaa harkaa qabu, nama worqii bassu jajjabeessa; namni waaqa tolfamaa burrisaan tumee qulqulleessu, nama sibiila oo'e hodhuun ‹jabaadhu! akki ati maaxi'iin wolitti hodhitu kun misha'aa!› jedhaan. akka hin sochoone waaqa tolfamaa ufii mismaari'iin wolitti hodha»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami hujii harkaa beeku nama worqii baqisiisu hin jajjabeessa; ka burrisaan wol qixxeessu, ka boraatii irratti sibiila tumu jajjabeessa. Inni hujiin sibiila wolitti qassiisiisaa tun, ‹Dansa'a› jedha; fakkiin sun akka hin jinneef misimaaraan dhowa.