Isaiah 42:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, Hojattuuni kiyya ka anini jabeesu kuno kana, inni nama ani fohad'e, isumati na gammachiisa. Anini ya lubbu tiyyaani isa guute tanaafi gochiti ch'ufti maqa isaatini d'uga argatti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Tajaajilaan kiyya ka ani irkisu, ka ani filadhee fi ka ani itti gammadu kana; Hafuura kiyya isaa kenneera; inni baanii maraafuu murtii qajeelaa murteessa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, «Tajaajilaan kiyya ka ani ol qabee fi ka ani filadhe, ka ani itti gammadu kana. Ani ayyaana kiyyaan isa hin guuta; inni gosa biyya adda addaatiif haqa hin fida.