Isaiah 42:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Faaru hareetini AABBO Waaqa faarsa; lafti ch'ufti ha isa faarsitu! Isani worri baariini keesa yaufi wonti baariini keesati gala isa faarsa! Lafa fagootifi nami isi keesa tauleeni isa faarsa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Faaruu haarawa Rabbii faarfadhaa'a! baniin adunya'aa maruu faaruu galataa dhiyeessaa'a! worri galaana keessa jiraatan maruu, worri daangaa biyyootaatii fi worri isii keessa jiraatan maruu haa galatoonfatanii!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin worri abbaayaa irra ideentanu, isin dadi achi keessa leetanu marti, isin worri oddoola keessaa ka achi leetanu marti, faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa'a; haga qaccee lafaatille'etti isa leellifadha'a.