Isaiah 42:22 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo ammatana gumi isaa yayu saamani, boolafi mana hid'aansa keesati naqani iti ch'ufaani. Worra saamani boojiani, nama worra baasule d'abani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin garuu saamamee qabeenna isaaniillee jalaa fudhatanii goda keessatti isaanitti cufaniiran; mana hidha'aatitti hidhamaniiran; saamamanii booji'amaniiran; eennullee isaan oolchuu hin dandeenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan tun ammoo, saamantee booji'anteerti; isaan marti boolla keessatti qabamanee, manni hidha'aa isaanitti cufameera; isaan saamamaneeran; nami isaan baasu hin jiru; isaan booji'amaneeran; ka, «Isaan deebisa'a!» jedhu hin jiru.