Isaiah 42:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini, AABBO Waaqi, si yaame irre sii kenne, aka akasiini lafti ch'ufti d'uga argattu. Maro tanteetifi anini gosa ch'ufa wold'aqisa woliini tolfad'e, ifsa gosa d'ibi ch'ufatini d'ufa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ani Rabbi qajeellumma'aan si waameera; harka kee qabee si eegeera; worra kiyyaaf waadaa, worra Yihuudii hin taaneef ifa si godhee isaanii si kenneera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ani Mootiin Waan Maraa balchumma'aan si waameera; ani harka si qabee, si eega; kolba'aaf gondooroo, gosa biyya adda addaatiif ifa akka teetu si godheera.