Isaiah 43:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi, Qulqullooni Israeli ka isani baase, waan jed'u, Anini duula Babiloniti erge akasiini isani baasa; anini balbala fullo dira ch'abse, iyyanti gumi isaa garagalte boha taati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi woyyichi Israa'elii fayyisaan keessan akkana jedha, «loltoota waan keessaniif biyya Baabilooniititti duulu erga; balbala dallawa qachatti'ii hin caccabsa; dhaaduu worra Baabiloonii gara booyichaa jijjiira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa ka isin wode, Woyyichi Israa'elii, «Ani marroo teessaniif jedhee loltoota tiyya Baabilonitti hin erga; karra qachaa Baabilonii mara hin caccassa; geerarsa worra Baabiloniille bowatti hin jijjiira.