Isaiah 43:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gosa ch'ufa wolti yaama, ha wolti baatu. Waaqooti worraa ta dandeete waan takaa tana taha himtu, eenu? Waaqooti worra sunii, ka waan amma tahu jira kana himtu eenu? waaqooti worraa sunini ha d'ugaa ufi gayaamte, duuba d'ugaani isaani suni d'ufte dubbi waaqoota isaani suni d'ugeesitu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin maruu wolitti haa qabamuu; isaan keessaa namni waan ammaatii fi waan durii ka duraan ibsee dubbate eennu? nama dhuga'aa ta'uu ufiitii fi ragaa haa dhiyeeffatanii; isaanillee dhagayanii dhuga'a haa jedhanii.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gosi biyya adda addaa marti wolitti qabantuu ti; kolbaan marti wolitti dachaatuu ti. Isaan keessaa duraan dursee tana ka nutti hime, waan dur te'eeru ka nutti lasse eennu? Worri dhibiin dhage'ee, ‹Tun dhuga'a› akka jedhu, sirrii akka te'ane mirkaneessiisaaf, dhugaa baatota dhikeeffatanuu ti.