Isaiah 44:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba nami mukha taka ira gama toko qoraani tolfate gama toko boch'e waaqa tolfata, ammalle gama toko ibidaani bobeese nafaani owifate qit'aani d'aabata; gama kaani d'ibi waaqa tolfate kad'ata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni mukuma tokko irraa qoraaniif, garii fakii waaqa tolfama'aa hojjachu'uuf, garii ibidda bobeessee oo'ifatu'uu fi buddeenaan godhachu'uuf itti fayyadama; ka biraatiin garuu fakii waaqa tolfama'aa hojjatee waaqeffata,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Muki sun qoraaniif te'a; gamisa muka sanii bobeessee hin qanqaammata; gamisa bobeessee, daabboo itti bilcheeffata; gamisa ammoo waaqa bocatee, hin waaqonfata; kaan waaqa dharaa bocee itti sagada.