Isaiah 44:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni qalbi qaabate, yokhaani nama wobeekhu taate, Anini mukha suni gama toko qoraani tolfad'e, ch'ile ibida irati qit'a d'aabad'e, fooni wot'alad'e nyaad'e, kuta mukha ta hafte taani waaqa tolfad'e badaa anini jirma mukha durati gajed'e kad'ad'a injed'u.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni «muka kana garii hin bobeesse, barbadaa isaatiin daabboo bilcheeffadhe, foonillee itti woddadhee nyaadhe; muka hafe kana garuu waaqa tolfama'aaf hambisaa? muka diqqo'oo sagadaa?» jedhee yaadu yookaan ka beekkumsaa fi hubannaa qabu hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Marroo waan kanaa nami itti yaade hin jiru; nami tokkolle beekkumsaa fi hubantii qabaatee, «Ani gamisa muka sanii bobeessee, kashila isaa irratti daabboo bilcheeffadhee, foon itti woddadhee nyaadheera. Muka hafeen waan battii hujaa ree? Turqumaa sanitti sagadaa ree?» ka jedhu hin jiru.