Isaiah 44:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami akana kunini namuma daara nyaatu fakaata. Daallumti isaa isa balleesite qarqaarsa isa d'owarti. Inni aka wonti inni harkaani mid'aafate kad'atu sunini waan d'ara, ka waaqa intahini, ee injed'u.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni attamitti muka gubatee daaraa ta'u haga waaqeffatu'uutitti gowwooma? gowwummaan isaa waan isa dogoggorseef uf oolchuu hin danda'u; yookaan «wonti harka kiyya ka mirgaa irra jiru kun Waaqa malee waaqa tolfama'a» jechuu hin danda'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami waan daadhaa te'utti addatu, nama qalbiin isaa dokonkortuun dokonkorsite; inni ifi fayyisuu hin dande'u; yookiin, «Wonni harka middicha kiyya irraa kun, waan dharaatii motii?» hin jedhu.