Isaiah 44:23 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee gubba gammadaani sirbi! Ee lafa, lalabi! Ee gaareeni, gammadaani sirba, mukeeni baddaleni ch'ufti ha sirbitu! Wonti akanatiifi AABBO Waaqi Yakobo baase, Israeli keesa guddinna ufi garsiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Samiiwwan! Rabbi banii ufii Israa'eliin oolchu'uun ulfinna ufii mudhiseeraa gammachu'uun faarfadhaa'a; ati lafti ililfadhu; gaarran, bosonninii fi mukkiin isaan keessatti argamtan maruu laagaa gammachu'uu dhageessisa'aa burraaqaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee ol-gubba'a, Mootiin Waan Maraa tana waan godheef, gammadaan faarsa'a; ee qilee lafaa, ilillisa'a. Gaaroti, badda'aa fi muki achi keessa jirtanu marti Mootiin Waan Maraa Yaaqoob wodee, Israa'el keessatti ulfinna ifii waan mudhiseef, faaruu dayyaasa'a.