Isaiah 44:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami toko, Anini ka AABBO Waaqa ufiini jed'e, ka d'ibileeni, Anini ka Yakobo ufiini jed'a, Ka d'ibileeni harka ufi irati, Anini ka AABBO Waaqa jed'e t'aafe, maqa Israelitini ufi yaama.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Namni ‹Ani ka Rabbiiti› ufiin jedha; ka biraa maqaa Yaaqoobiitiin waamama; ka biraa garuu malkata ‹ani nama Rabbiiti› jedhu harka ufii irratti barreeffata; maqaa Israa'elii ka shele'eetiin waamama.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Kolbaan tokko tokkoon, yaatee dhuttee, nami tokko, ‹Ani ka Mootii Waan Maraa ti› hin jedha. Kuun, maqaa Yaaqoobiitiin ifi hin waama; ka dhibiin, ‹Ani ka Mootii Waan Maraa ti› jedhee, harka ifii irratti hin barreeffata; maqaa Israa'eliitiin ifi hin waama» jedha.