Isaiah 45:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan Israeliini jed'u, Horiini lafa Misiritiifi ka lafa Kushi keesani tahe, worri d'ed'eeraani lafa Seba tisse isanii taha: worri suni ka sansalatani hid'aani isani gula yaa. Worri isani durati jilbifate waan jed'u, D'uguma Waaqi isani woliini jira, isa male waaqi d'ibiini injiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Qabeenni biyya Misiriitii fi daldalli Itoophiya'aa isinii kennama; namoonni dhedheeraan biyya Saaba'aallee haada sibiilaatiin hidhamanii dhufanii isin duukaa bu'an; isaan harka kennatanii ‹Rabbi isin callaa biratti argama; ka biraa biratti hin argamu; isa malee Waandhi biraa hin jiru› jedhan» jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, «Karri worra Gibxi'ii, bu'aan daldala worra Itoophiya'aalle si'iif hin te'a; worri Saaba'aa dhedheeraan gara keeti dhufanee, keeti hin te'an; wodaroo sibiilaatiin hidhamanee, si gula hin deeman; si duratti sagadaa, ‹Dhugumaan Waaqi si woliin jira; isa malee Waaqi dhibiin hin jiru› jedhaa si daadimatan» jedhe.