Isaiah 45:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, gumi gosa ch'ufaa wolti koota, isani ka nyaapa keesani jalaa baatani, wolti baha! Worri mukha boch'e waaqa tolfate sunini yau, ka waaqa dandae nama imbaamne kad'atu, worra wo beekhuniti!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin worri biyya adda addaatitti baqattanii haftanii deebitan, isin maruu wol gaya'aa koottaa'a! worri waaqa tolfamaa muka irraa hojjatame qabatanii oolii fi gad deema'aa waaqa tolfamaa nama hin fayyifne kadhatan worra beekkumsa hin qabne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Isin worri gosa biyya adda addaa keessaa badii irraa ka hattane, wolitti qabama'aatii kowa'a; as dhikaadha'a. Worri fakkii waaqota dharaa Ka muka irraa hujante, ba'atee ideemuu fi waaqa nama fayyisuu hin dandeenne daadimatu beekkumsa hin qabu.