Isaiah 46:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami borsa ufi bane worqi ga jisse miisana irati qarsi biima. Tumtu worqitii hori baasani, waaqa nu mid'aasi jed'aniini; duuba durati gajed'ani kad'atani! Jennaani gurmu ira keeyatani baatani, fulla iti mid'aasani achi dad'abani, duuba inni ka inchochone artuma eja.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni gariin qaraciitii ufii bananii akka ufii barbaadanitti worqii keessaa fuudhan; meetiillee madaalaan bikkan akka waaqa tolfamaa isaanii hojjatuuf ogeessa sibiila bassu hori'iin bitanii galfatan; haga hojjatameen maayii isaa sagada'aa waaqeffatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri gariin worqii subba ifii keessaa baafatan; meetiille madaala irratti madaalan. Isaan nama worqii baqisiisu qaxaratanee, inni waaqa isaaniif huja; achiin duuba isaan waaqa san sagadanee waaqonfatan.