Isaiah 47:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, Ee Babiloni, barch'uma kanke ka hayyuma iraa bui, kooti, biyye keesa lafa tai. Atini qara dubra infuud'ini fakaata, dira ka takaa nami indabsatini, ammo armaa achi atini deebite laafte irre ind'abdu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Ati qachaa Baabiloonii ta eennullee si hin uggine! teessoo ulfinnaa kee irraa bu'ii daaraa irra lafa taa'i; ammaa achi qananiitu'uu fi kasoo jedhamtee waamamuun kee hin hafa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ee durrittii Baabilonii, gad bu'iitii bukuu irra tee'i. Ee durrittii Baabilonii, barcumaa mootummaa teetii irraa ka'iitii, lafa irra tee'i; ati haganaa achi, ‹Bosoqqee yookiin shaggittii› hin jedhantu.