Isaiah 48:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Babiloni keesaa yaa, worra Babiloni duraa baqad'a! Odu tana gammadaani lalaba odeesa, muumme lafale geesa; AABBO Waaqi yayu hojatu isaa Israeli baase jed'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa isin Baabilooniin keessaa baya'aa dheessaa'a; Dubbii «Rabbi tajaajilaa ufii Israa'eliin oolcheera» jedhu gammachu'uun himaa'a; hulee gara garaatitti akka beekkamu godhaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Biyya Baabilonii keessaa baya'a; worra Baabilonii jalaa baqadha'a! ‹Mootiin Waan Maraa tajaajilaa ifii Yaaqoob wodeera› jedha'aatii hima'a! Ilillisaa odeessaa, haga qaccee lafaa lassa'a.