Isaiah 49:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ufi d'aatu millad'i, waan tahuti jira ilaali! Worri kanke ya wolti bahe, gara kanke d'ufuu jira! Anini maqa Waaqa jirutini kakhad'a, atini akuma intalti fuud'ani faaya isiitiini shoobdu worra keetiini shoobda.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mee ol jedhii naannaya kee laali; ijoolleen tee maruu wol gayanii gara kee dhufan; Ani Rabbi jiraataa waan ta'eef isaan maraa akka uffataatitti uffatta; akkuma idaayyittiin faaya gara garaatiin qandhaftu atillee isaaniin qandhafta;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ol jedhiitii adaala keeti ilaali! Ilmaan teeti marti wolitti qabantee gara keeti hin dhutti. Dhugaa ana jiraata'aa, ‹Ati isaan mara akka seesaa hin uffata; akka waajibaalle ijoollee teetiin hin miidhadda› jedhee kakadha.