Isaiah 49:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan nani jed'e, Anini huji jabdu sii kennu qaba, hojatu tiyya. Atini worra Yakobo galchite, worra Israeli ka hafe guddinnati deebifte; ammo hagasi ch'allaniti, anini ifsa gosa ch'ufale si tolcha, aka akasiini lafti ch'ufti baafama kiyya argattu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «ulfinna gosa Yaaqoobii deebisu'uuf tajaajilaa kiyya taatee hojjachuu callaan hin gayu; ka kana caalu fayyisuun kiyya akka haga daangaa lafaa gawu; ati akka banii maraafuu ifa taatu si taasisa.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
anaan, «Ati gosa Yaaqoobii ade'etti deebisiisaaf, kolbaa Israa'elii worra jiru'uun hafe deebittee fidiisaaf, tajaajilaa kiyya te'iis keeti kaso'o. Fayyisiisa kiyya haga qaccee biyya lafaa akka dhaqqassiittuuf, worra Yihudoota hin te'iniifille ifa si hin godha» jedhe.