Isaiah 5:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni lafa qote, d'akha keesaa baase, mukha zabibu dadansa keesati oobre. Inni doofi eeganini iti jaare, fulla mid'aani zabibu iti ch'ach'arasani mid'aase. Inni mid'aani zabibu miyao eegate, ammo mid'aani ch'ufti bushao tahani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Lafa ufii hin qote; dhagaa guuree keessaa baase; woyinii filatamaa itti dhaabe. isa irratti siree irra taa'anii eegan ijaare; boolla cuunfaa woyini'iillee hin qopheesse; achii daraaraa mishaa daraara jedhee yaade; garuu daraaraa dhangaggaayaa daraare.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni lafa qotee dhakaa keessaa guuree, sanyii woynii dansa'aa achitti dhaabe; xelleephoolle wodhakka'atti ijaaree, addee midhaan woyni'ii itti cunfanu miidhasseef. Achiin duuba inni midhaan dansaa buutti jedhee eeggate; woyniin ammoo midhaan dhangaggowu buutte.