Isaiah 5:25 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba amma AABBO Waaqi yayu gumi isaati dallane, harka d'eerefate, balleesaa iti kaye. Gaareeni chochoote, reefi nama hobae aka huura kara dira keesa ch'iisa. Ato akasile taate, dallansuuni AABBO Waaqa isa ira ingaltu, ammalle harka d'eerefate nama d'aanu fed'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Lolli Rabbii banii isaatitti bobayeera; harka ufii ol kaasee isaan dhayeera; gaarran hin hollatan; reeffi isaanii akkuma kosii karaa keessatti gatanii ta'e; kun maruu ta'ee garuu inni lola ufii hin dhaabsifne; harki isaa akkuma ol ka'etti jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf, aariin Mootii Waan Maraa kolbaa isaa irratti bobeetteerti; inni harka ifii ol fudhatee isaan dhoweera; gaaroti raafamaneeran; reeffi akka kosi'ii karaa keessatti tuulame; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira.