Isaiah 5:27 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra nami tokoleeni indad'abu, yokhaani ingufatu, tokoleeni imugu, yokhaani irafu. Gurdaani worraa infuratu, yokhaani seemsaani kobe worraleeni inch'itu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan jidduu dadhabaanii fi ka qaama dhidhu'uu hin argamu; ka muguu fi ka rafu hin jiraatu; sabbanni mudhii isaanii hin furatu; miseensi kophee isaanii hin citu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan keessaa ka dadhabuu fi gufatu, ka muguu fi ka rafu hin jiru; hiituun hidha isaanii hin luttu; hidhaan kophee isaaniille hin citu.