Isaiah 50:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa anini gumi tiyya baasu d'ufe, worri maafi na jalaa dide? Anini yaame jennaani worri maafi inowaatini? Anini irre worraani baasu inqabu? Anini dandae jechaani baariini gosse, galaana gamooji tolche, qurt'umini keesati galtuleeni bisaani d'abde hobaati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ani hennaa dhufe maaf nama dhabe? hennaa waamu maaf ka na jalaa awwaatu dhabe? harki kiyya gabaabbatee isin oolchuu dadhabee? Ani fayyisu'uuf hunna hin qabuu? Ani xixee galaana gossa; laggiin lafa gammoojji'ii taasisa; qurxummiin isaanii bisaan dhabanii dhumanii ajaayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani yennaa dhufe maaf nama tokkolle achii dhabe? Yennaa waamelle maaf nama owwaatu dhabe? Harki kiyya gabaabbatee isin wodiisa dadhabee? Yookiin hunna ittiin isin fayyisu dhabee? Ani xixicha kiyyaan abbaayaa hin gossa; lagoota goomolee hin godha; qurxummiin achi keessaa bisaan dhaddee dhumattee, hin ajootti.