Isaiah 50:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini nama na d'aanu ufiti lakise, nama na arabse, areeda na hirkise hanchufa fuulati na tufe, ufira ind'owine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra na dhaananiif dirra, worra areeda kiyya buqqisanitti boqoo kennadhe; worra na arrabsanii fi worra natti tufu jalaa fuula kiyya hin dhoogganne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani dudda kiyya worra na dikutti, boqoo tiyyalle worra areeda kiyya buqqisu dura qabe; fuula kiyya worra natti murguu fi natti tufu hin dhoffanne.