Isaiah 51:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, Isani ka baafama barbaada nati d'uftani, na ch'aqasa. D'akha isani keesaa baatanifi boola isani keesaa qotani qaabad'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Worri anaa fi balchummaa soxxan na dhagayaa'a; gara dhagaa irraa argamtaniitii fi gara boolla keessaa baatanii laalaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, «Isin worri balchummaa hordottanu, worri ana Mootii Waan Maraa barbaaddanu na caqasa'a. Rassaa irraa dhaggantane, boolla bisaanii ta keessaa ol baatanelle ilaala'a.