Isaiah 51:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumi tiyya, na d'agaya, waan anini jed'u ch'aqasa. Anini gosa ch'ufa barsiise seeri kiyyaleeni ifsa worraa taha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Banii kiyya! dhagayaa'a! waan ani isiniin jedhu caqasaa'a; seerri na biraa baya; murtiin kiyyallee banii maraafuu ifa ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ee kolbaa tiyya na caqasa'a; waan jedhulle dhage'a'a. Seerri na biraa hin baya; muraan tiyyalle gosa biyya adda addaatiif ifa hin teeti.