Isaiah 51:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
worri akuma waan raamooni nyaatte bada. Ammo d'ugaani tiyya haga jiru jireenna teete, baafami kiyya haga d'aloota ch'ufa taa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan akka uffata rimmi nyaateetii fi akka woyaa fuutta'aa ka raammoon nyaatuu ta'an; ani garuu baraa haga bara baraa oolcha; oolchuun kiyya dhalootaa gara dhalootaa lufa»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qu'een akka woya'aa isaan hin nyaatti; corroxxi akka rifeensa hoole'ee isaan hin nyaatti. Balchummaan tiyya ammoo haga bara baraa ti; fayyisiis kiyyalle dhaloota irraa dhalootatti hin dabara» jedha.