Isaiah 52:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee Yerusalemu, lafaa kai, garaa jabaad'i! Ee dira qulqullo, woya mid'aadu keeyad'i! Worri Waaqa imbeenne, ka aada inqamne, deebie fullo teetiini oli inseenu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Tsiyoon! dammaqi; ka'i! hunna kee akka uffataatitti uffadhu! Yerusaalem qachaa woyyittii! uffata kee ka qandhafaa uffadhu; ammaa achi namoonni hin gadoomne; worri hin gadoomnee fi worri seeraan uf hin qulqulleessine dallawa kee keessa hin seenan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Xiyoon, dammaqi! Dammaqi! Hunna uffadhu! Ee Yerusaalem, qachaa woyyicha, woyaa teeti ta ulfinnaa uffadhu! Haganaa achi worri haqanqabaa hin qabatinii fi worri battowe gara keeti hin seenu.