Isaiah 53:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi anini fulla guddinna ta hayyooti gugurdoni irre qabdu teetu isaa kenna. Waan inni fed'i ufitini jireenna ufi baase worra ch'ubbu woliini duefi. Inni ch'ubbu nama heddu fed'ate, ammalle aka ch'ubbu worra suni araaramanifi Waaqa kad'ate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Lubbuu ufii du'aaf kenne; worra waan hamaa hojjateen wolitti laakkayame; inni garuu cubbuu nama maraa fudhate; worra cubbamtootaa bakka bu'ee Waaqa kadhate; kanaafuu ani akka inni worra jajjaba'aa fi gugurdaa woliin boojuu qoodamu godha.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni cubbuu namoota heddu'uu ba'atee, marroo yakkaa isaaniitiifille isaaniif kadhate; inni lubbuu ifii du'aaf dabarsee kennee, hamaaleyyii woliin waan laakkowameef, ani qooda isaa worra gugurdaa woliin isaaf hin kenna; inni worra jajjabaa woliin boojuu hin qoodama» jedha.