Isaiah 53:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isa aka hama dabsani gaargalchani, ammo inni woma tokole indubbanne. Inni akuma ilmaani hoola, ta qalma deemaninifi akuma hoola rifeensa iraa ch'irani, ch'allise ufumaa eje.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Miidha'aa fi rakko'otu isa irra gaye; inni garuu womaa hin dubbanne; akkuma hoolaan hennaa rifeensa irraa haadan cadhiftuutii fi akkuma ilmoon korbeessaa ta hoola'aa hennaa qalmaaf qabatanii deeman cadhiftuutitti innillee uduu womaa hin dubbanne cadhise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Inni cunqurfamee, farre; te'uu malee, waan tokkolle hin dubbanne; akka ilmayyoo hoole'ee ka qalmaaf oofamuutii fi akkuma hooleen worra rifeensa isi'ii haadu duratti cadhittu, inni cadhise malee, womaa hin dubbanne.