Isaiah 54:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi guddaani ka si uume d'iirsa si tahe, Waaqi qulqullooni Israeli, ka lafa ch'ufa fidu, si baasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti kun ta'uuf Rabbi Waandhi banii maraa akka abbaa manaa waan sii ta'uu fi woyyichi Israa'elii ka ‹Waaqa ardii maraa› jedhamee waamamu waan fayyisaa kee ta'eef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani ka si dade akka dhirsaa si'iif hin te'a; maqaan kiyya Mootii Waan Maraa Ka Waaqa Waan Mara Dade; ka si wode ana Woyyicha Israa'elii ti; ani Waaqa lafa duudi'ii ti.