Isaiah 56:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami gosa d'ibi ka gumi AABBO Waaqati darame, AABBO Waaqi gumi isati na inheregu injed'ini, nami sangisisanileeni, Anini deebie woma ind'alu akuma mukha gogoge jira ufiini injed'ini.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni ormaa ka Rabbitti dhiyaate «Rabbi banii ufii irraa na fooya» jedhee hin yaadin; namni uumamaan uumatuu hin dandeenne finna uumachuu dhabuu ufiitiin «ani akka muka goga'aati» ufiin hin jedhin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami ormi gara Mootii Waan Maraa deebi'e, «Mootiin Waan Maraa dhugumaan kolbaa ifii irraa gargar na hin baasa» jedhee hin yaadin. Guneessille, «Ani muka goga'a» ifiin hin jedhin.