Isaiah 56:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini Sioni, gaara kiyya qulqullooti, isani geese, Mana kiyya ka iti na kad'ataniti isani gammachiise, sorio isani naa baaftanile isani iraa fud'ad'a. Mana kiyyaani, fulla gochiti ch'ufti Waaqa iti kad'atu jed'ani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi «Ani isaan gara gaara woyyuu kiyyaa fidee mana kiyya ka faate'ee keessatti akka gammadan isaan taasisa; ciincaa hulee ciinca'aa kiyya irratti naa dhiyeessanii fi ciincaa biraallee ka isaan naa dhiyeessan isaan irraa fudhadha; wonti ani waan kana godhuuf manni kiyya mana baniin maruu keessatti faateffatu jedhamee waan waamamuuf.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
ani gara gaara woyyicha kiyyaa ol isaan hin baasa; mana daadimataa kiyya keessalle'etti isaan hin gammachiisa. Manni kiyya, mana daadimataa ka gosa biyya adda addaa maraa waan jedhamuuf, kennansa isaanii ka gubatuu fi ciincaa isaanii ka dhibii addee ciinca'aa tiyya irratti yoo isaan dhikeessane ani hin fudhadha» jedha.