Isaiah 57:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja isani qarqaarsa kad'attani, waaqooti teesani ta d'ara suni ha isani qarqaartu! Waaqooti suni ufiftu qilleensi diqaani tokoleeni afufe balleesa! Ammo worri na d'ugeefatu lafa tana keesa tae Mana kiyya keesati na kad'ata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mee hennaa isin gargaarsa argachu'uuf iyyitan waaqoleen tolfamaan keessan ka isin wolitti qabdan isin haa oolchanii isaan qilleensatu balleessa; bubbeen isaan fudhata; nama na abdatu garuu lafti tiyya ta isaa taati; gaara kiyya woyyuullee ka ufii taasifata.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa isin qarqaarsaaf iyyattanu, waaqoti dharaa hedduun isin wolitti qabattane sun, isin baasanuu tii me. Isaan mara qilleensi fuudhee hin deema; diilalluulle isaan hin balleessiti. Nami natti addatu ammoo, lafa hin dhaala; gaara woyyicha kiyya qabeenna ifii hin godhata» jedhe.