Isaiah 57:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini Waaqa gudda, qulqullo, haga jirule tau. Anini gubba fulla qulqullo taa, ammo nama ch'ubbu iraa deebie ufi diqeesule woliini taa, aka akasiini garaa worraa jabeese abdi kennuufi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Woyyichi baraa haga bara baraa jiraatu, ka maraa caalu, «Ani hulee woyyu'uu fi hulee ol aanu akkasuma worra gara laafeyyi'ii fi worra kasoo woliin jiraadha; wonti isaan woliin jiraadhuuf garaan isaanii ka gadde haarawoomsu'uu fi akka isaan kasoo ta'an godhu'uuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ani Waaqa ol aanaa waan mara caalu, woyyicha haga bara baraa le'u. Ani worra ifi gad qabu yaada isaanii haaressiisaaf, worra addii kutatane jajjabeessiisaaf, addee ol aantuu woyyittii isaan woliin hin le'a.