Isaiah 57:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani afaani balbala teesani yokhaani d'aatu mikhikila balabala akheekha waaqa keesani ka d'ara old'aabdani. Isani na lakiftani, woya yaafatani, sire teesani gugurdo kortani beese baaftani, nad'eeni woliini bultani, achiti waan d'araatanifi kaani ch'ufa quuftani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Balbala keessanii fi qasatoo duubaan fakii waaqa tolfamaa keessanii dhaabdaniirtan; na dhiiftanii seebaru'uuf siree keessan irra baataniirtan; seebaraaf gatii wolii galtanii fedha foon keessanii raawwattan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Balbalaa fi mikikkila balbala teessanii duubaan, fakkii waaqota dharaa keessan keyattaneertan. Isin na lakkittanee, taqee teessan irraa saaxxanee, irra yaaddaneelle badhittanee saaxxane. Nafa isaanii qullaa dhaggitanee wol gaarayyeeffatiisaaf worra jaalatu woliin, wolii galtane.