Isaiah 58:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri keesani dira bade ona tahe kaani yayabuma isa ka duri kaani irati jaara: duuba akanaani worra naabo ch'abt'eefi maneeni badde jaare isaniini jed'ani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin keessan waan kanaan dura diiggame bu'uura waan diiggamee san irratti deebisee ijaara; kanaafuu isin ‹Banii dallawa diiggame deebisee ijaaruu fi manniin diiggame haarawoomsu› jedhamtanii waamamtan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan teessan waan dur diigame deebittee hin ijaarti; hundee durii ol kaasan. Isin, ‹Worra dalleya dhaka'aa ka caccabe deebisee haaressu, worra karaa bade miidhassu› hin jedhantan.