Isaiah 58:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, yo isani guyya Sabato aka guyya qulqullo hereddani huji teesani guyya suni tolchu diddani guyya kiyya qulqullo sunini dansa jettani ulfeesitani imaltufi hujifi haasaa woma imbaane guyya suni lakiftani,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Guyyaa Sambataatiin fedha keessan raawwachu'uuf guyyaa kiyya ka woyyoome uduu diiguu baattanii, Sambata kiyya ka nama gammachiisu, guyyaa kiyya guyyaa woyyuu Rabbi woyyoomse yoo jettan, fedha keessaniif hajaa keessan raawwachu'uuf gara ufii feetan deemuu dhiiftanii Sambata kiyya yoo kabajjitan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin seera Waaqaa ka marroo guyyaa Sanbataa yoo eegattane, guyyaa woyyicha kiyya kanatti, waan fedhii teessanii yoo godhuu dhaddane, guyyaa Sanbataa guyyaa gammadaa, guyyaa kiyya woyyicha guyyaa ulfinnaa yoo godhattane, guyyaa san haajaa keessaniif ideemiisa, waan fedhii teessanii godhiisa yookiin waan dubbatiisaaf hin malle yoo lakkittane,