Isaiah 59:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'ugaani lafa keesa injirtu, tanaafi nama ch'ubbu lagatu gaargalchani balleesani. AABBO Waaqi waan kana arginaani, aka d'ugaani injirre hubate iraa laalefate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dhugaan baddeerti; worri hujii hamaa irraa deebi'u worra kolfaa ta'aniiran; Rabbi akka dhugaan hin jirre argee gaddeera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhugaan dhabante; nami waan hantuu irraa gorulle hin saamama» jetti. Mootiin Waan Maraa haqi akka hin jirre dhaggee, gadde.