Isaiah 59:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni d'uga aka ubaara qomati keeyatte, baafama aka kofia sibiila matati keeyata. Inni herega waan hamtuuni balleesani aka woya uyifate. Nama nami dabse gaargalchale haalo baasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni balchummaa akka meeshaa woraanaa ka qomatti uffatanii, fayyummaa akka gulloo sibiilaa ka mata'atti godhatanii, worra yakka hojjatan haluu bawuu akka uffataatitti uffata; aariin inni akka kaabba'aatitti uffatullee worra waan hamaa hojjataniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni balchummaa akka qomoo sibiilaa uffata; fayyinna akka gullee sibiilaa keyata; inni haluu akka woya'aa, hinaaffaalle akka bullukko'oo uffate.