Isaiah 6:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isa d'aatu waan lubbu qaba, ka aka ibida bobaati ejaanja, ka wonti suni ch'ufti koola jaa qabdu; koola lamaani fuula d'ofatani lamaani miila d'ofatani lamaani barisani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkonni Suraafel jedhaman naannaya isaa dhaabatanii turan; isaan maruu koola jaha jaha qaban; koola ufii lamaaniin fuula ufii dhoffatan ture, koola ufii lamaaniin luka ufii dhoffatan ture; koola ufii lamaaniin garuu hin bararan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dadi ol-gubba'aa ka «Suraafel» jedhamanu isaan gubbaa dhaabbataneeran; tokkoon tokkoon isaanii koola jaa qaban; koola ifii lamaan fuula ifii, koola ifii lamaan miila ifii gollatan; koola ifii lamaan ka'anee deeman.