Isaiah 60:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Me millad'a, waan taha kana ilaala: worri kanke wolti bahe siti galuu jira. Ilmaani tante ta d'iira lafa fagooti d'ufte, dubra tantele hamparaani d'ufanini.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ol jedhii waan naannaya kee jiru laali! maruu wol gayanii gara kee dhufan; ijoolleen tee ta dhiiraa biyya fago'ootii dhufan; ijoollee tee ta intalaallee worri isaan guddisu harkatti ammatanii sii dhufaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ol jedhiitii adaala keeti ilaal: Isaan marti wolitti qabamanee gara keeti hin dhufan. Ilmaan teeti fagoo irraa hin dhufan; ijoolleen durraa teetille worri isaan guddisu isaan habbaarrateeruun gara keeti dhufan.