Isaiah 60:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Geejibi gaalaa hedduuni ka lafa Midianitifi Efa d'ufe, worri Shebaleeni worqifi hit'aanaani d'ufe, odu dansa ta waan AABBO Waaqi tolche odeesani!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gaallan biyya Miidiyaamiitii fi biyya Eefa'aatii dhufan; biyya keessan keessa guutan; worri biyya Saaba'aatii worqi'ii fi hixaana qabatanii dhufan maruu laagaa ufii ol qabatanii Rabbiin galatoonfatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gaaloti bindillaan, gaaloti orgeen biyya Miidiyaaniitii fi Eefa'aa irraa dhufanee lafa teeti hin guutan. Namooti biyya Sheeba'aatii dhufanu marti worqi'ii fi hixaana fidanee hin dhufan; Isaan galata Mootii Waan Maraa hin lallaban.