Isaiah 60:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hooliye Kedaritifi ta Nebayothi ch'ufa sitiini d'ufani, sorio qalani waan mesa fakaata irati baasani, AABBO Waaqa gammachiisani. AABBO Waaqi mana isaa haga qara kaani ira mid'aasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Tinni hoolotaa ka biyya Qeedaarii maruu gara kee dhufan; korbeeyyiin hoolotaa ta biyya Nabaayootii ciinca'aaf si fayyadan; hulee ciinca'aa irratti ciincaa dhiyeessu'uufillee hin jaalataman; Ani mana kiyya woyyuu kabajjamaa hin bareechisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hooleen worra Qedaarii marti gara keeti wolitti hin qabaman; korbeeyyii hoole'ee ta worra Nabaayotiille ciinca'aaf itti hin fayyadanta. Isaan marti addee ciinca'aa irratti fudhatama hin dhaggatan. Mootiin Waan Maraa Galma ifii ka ulfinnaa irra caalaa akka ulfinna dhaggatu hin godha.