Isaiah 61:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi guddaani yayu lubbu isaatini na guute. Inni yayu na muude na erge, aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeese, nama guddo garaani laalala qabu fayyise, nama hid'aansa keesa jiru ha hiikhaani jed'e, nama hid'anile hiikha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hafuurri Rabbii Goofta'aa na irra jira; akka worra miidhamanitti oduu gammachu'uu himu, akka worra onneen isaanii cabe fayyisu worra booji'aman akka bilisa baasu, worri hidhaman akka hiikkaman akka labsuuf Rabbi muudee na erge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ayyaanni Goottaa Mootii Waan Maraa na irra jira; akka ani oduu gammadaa worra cunqurfameef lallabu, na muudeera. Worra gadhaan isaanii madaye akka ani fayyisuuf, worra booji'ame akka ani bilisa baasuuf, worra hidhame akka ani hiikuuf, Mootiin Waan Maraa na ergeera.