Isaiah 61:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
nama Sioni keesati bohu jiru ch'ufa fulla laalala gammadafi qilit'ama kenne, fulla laalefacha faaru d'aachisu. Worri mukeeni AABBO Waaqi oobre fakaata. Worri ch'ufti waan dansa tolche, Waaqale waan inni tolcheefi faarsani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoota Tsiyooniin keessaa booyanii bikka daara'aa korbobboo abaabo'oo bikka imimmaan isaanii dhadhaa ejersaa, bikka gaddaa dhadhaa gammachu'uu bikka keessi isaanii gadde uffata ulfinnaa ka galataa akka kennuuf na erge; isaan ulfinna isaa akka mudhisan «Qilxuuwwan balchumma'aa ka Rabbi dhaabe» jedhamanii waamaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Xiyoon keessatti gaddiisatti jiru, mata'atti addee daadhaa firfirfatanu marata dansaa akka ani itti maru addee bowanu, zayitii gammadaa akka ani itti dhangalaasu, addee ayyaana gaddaa, woyaa leellisaa akka ani itti uffisuuf, na ergeera. Isaan, «Qilxaa balchumma'aa, ka Mootiin Waan Maraa ulfinna ifii mudhisiisaaf dhaabe» jedhamanee hin waamaman.