Isaiah 62:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo isani ka mid'aani fach'aaftani murtani, qit'a nyaatani AABBO Waaqale faarsitani. Isani ka mid'aani zabibu guurtani, daad'i isii naabo Mana kiyya keesati d'uddani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Midhaan ufumaa gootara'atti galfatan nyaatanii ana Rabbiin galatoonfatan; gaalee hurbu'uu daadhii woyini'ii ka ufumaa wolitti qabatan gumii woyyuu keessatti ufumaa dhugan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin worri midhaan galfattanu ammoo, midhaan san nyaattanee Mootii Waan Maraa hin leellifattan; isin worri midhaan woyni'ii guurattanu, badhinna Galma kiyyaa keessatti daadhii woyni'ii hin untan» jedhe.